Baruu barsiisun akka hin gufanne hawaasni tumsa taasisuu qaba- Dr Tolaa Bariisoo
Haalli nageenyaa Oromiyaa baruu barsiisuu akka hin
gufachiisne hawaasni tumsa taasisuu akka qabu Biiron Barnoota Oromiyaa
gaafate.
Hogganaan
biirichaa Dooktar Tolaa Bariisoon haalli nageenya Oromiyaa dhiibbaa
baruu fi barsiisuurraan ga’aa jiru ilaalchisee har’a ibsa laataniiru.
Qormaata
guutuu biyyoolessaa bara darbee Oromiyaan kan kutaa 10tinis ta’e kan
12tin akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessisuudhan tokkoffaa akkuma
turte, baransa sana irra deebi’uudhaf hojjetamaa jiraachuu Dooktar
Tolaan eeraniiru.
Rakkoo nageenyaa godinoota tokko tokkotti mudatuun barnoonni ciccitaa turuu kaasaniiru.
Kun
ammoo dhaloonni duubatti akka hafu kan taasisu waan ta’eef, ijoollen
akka mana barnootaa deemtee nagayaan barattee galtu barnoonni tuttuqqii
kamirraayyuu bilisa ta’ee akka itti fufu, hojii mootummaan hojjeturratti
ummanni tumsa akka taasisu gaafataniiru.
Barana akka Oromiyaatti barattoonni miiliyoona 10tti siqan barnootarra jiraachuu ibsan Dooktar Tolaan.
Gaaffii
ummataatin naannoo Beenishaanguul Guumz waliin hojii hojjetameen
barsiistonni leenjifamanii manneen barnootaa 8 tajaajila baruu barsiisuu
eegalaniiru.
Kan saddeettanii milkaa’us karoorri naannoo Oromiyaa fi Beenishaanguul Guumz manneen barnootaa 20 banuu akka ture hin haalle.
Jiraattonni
godina Gujii Lixaa, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Qeellam Wallaggaa,
Horroo Guduruu Wallaggaa fi Booranaa ijoollee isaanii manneen
barnootaatti erguu akka jajjabeessan Dooktar Tolaan gaafataniiru.
Godinaalee 6n kanneenitti torbee 2f manneen barnootaa 1,765 cufamaniit turan.
Lixa Oromiyaatti manneen barnootaa rakkoo nageenyatiin cufamanii turan 955 tumsa ummataatin banamaniiru jedhan Dooktar Tolaan.
Manneen barnootaa guyyoota 9f cufamanii turan kanneen amma kaleessatti tumsa ummataatin banamaniiru.
Comments
Post a Comment