Haalli nageenyaa Oromiyaa baruu barsiisuu akka hin gufachiisne hawaasni tumsa taasisuu akka qabu Biiron Barnoota Oromiyaa gaafate. Hogganaan biirichaa Dooktar Tolaa Bariisoon haalli nageenya Oromiyaa dhiibbaa baruu fi barsiisuurraan ga’aa jiru ilaalchisee har’a ibsa laataniiru. Qormaata guutuu biyyoolessaa bara darbee Oromiyaan kan kutaa 10tinis ta’e kan 12tin akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessisuudhan tokkoffaa akkuma turte, baransa sana irra deebi’uudhaf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Tolaan eeraniiru. Rakkoo nageenyaa godinoota tokko tokkotti mudatuun barnoonni ciccitaa turuu kaasaniiru. Kun ammoo dhaloonni duubatti akka hafu kan taasisu waan ta’eef, ijoollen akka mana barnootaa deemtee nagayaan barattee galtu barnoonni tuttuqqii kamirraayyuu bilisa ta’ee akka itti fufu, hojii mootummaan hojjeturratti ummanni tumsa akka taasisu gaafataniiru. Barana ak